Carraa hojii barsiisotaa fi barsiisota haaraa barnoota barii ijoollummaa keessatti
Mootummaaan Victoria maatii Viktoriyaanotaa hundaa, kanneen duubbeen isaanii aadaa fi afaan gara garaa irraa tahan dabalee, jireenya isaanii keessatti jijjiirama wayyoome fiduuf cichoominaan hojjetaa jira.
Abdii kana dhugoomsuuf, jijjiirama kan Jalqabbii Gaarii, Jireenya Gaarii (Best Start, Best Life) jedhuuf humna hojii bakka eegala ijoollummaa babal'isuuf maallaqa miliyoona $370 ramadee jira.
Barsiisotaa fi barsiiftota eegala ijoollummaa 11,000 dabala qopheessee guutummaa kutaa biyyaa keessatti hojiitti bobbaasuuf saganteessatee jira.
Namoota duubbee gara garaa irraa tahanii barmoota eegala ijoollummaa keessa hojjachuuf kaadhimamtoota gahumsa itti qaban gargaarsa maallaqaa fi tumsa gara garaa ni kennaaf.
Akkamiin barsiisaa (teacher) ykn barachiisaa (educator) tahuu akka dandeessu beekuuf odeeffannoo gara gadii jiru ilaali.
Eegala ijoolluummaa keessatti Dalagaa Guddifachuu
Namoota barsiisaa yookaan barsiisaa daa’immanii jalqabaa ta’uuf fedhii qabaniif filannoowwan qo’annoo fi deeggarsa maallaqaa adda addaatu jira. Odeeffannoo caaluuf asi ilaali: Financial support to study and work in early childhood | vic.gov.au.
Carraa hojii bakka barmoota eegala ijoollummaa fi barachuuf gargaarsa maallaqaa kennamu odeeffannoo caaluuf, Eegala ijoolluummaaf Barsiisaa fi Barachiisaa Tahuu kan jedhu ilaali.
Qacarrii
Hojiin barnoota barii ijoollummaa keessatti hoji-geggeessitoota tajaajila dhuunfaa fi dhiyeessitoota sagantaa oolmaa daa’immaniitiin kan hoogganamudha.
Gara Mar-sariitii Dalagaa Eegala Ijoollummaa jedhu dhaqii dalagaa jiru ilaali, namoota achi keessa hojjetan waan isaan jedhan dubbisi.
Koorsii barmoota eegala ijoollummaaf gargaarsa kennamu, as ilaali: Early Childhood Tertiary Partnerships program | vic.gov.au.
Updated