Waaée akka itti galmeessamuu gumii (council) naannoo kee jiru ykn tajaajila oolmaa daaímmaniitti dubbadhu. Toora Iyyaafata Oolmaa Daa; immanii Waggaa-Sadii 1800 338 663 irratti bilbiluu dandeessa ykn email toora kanatti ergi 3YO.kindergarten@education.vic.gov.au Afaan keetiin gargaarsa argachuuf ykn nama afaan siif hiiku siif qopheessuuf jalqaba 131 450 bilbili.
Eegala Bakka Ooolmaa Ijoollee (Early Start Kindergarten (ESK)
Ijoollotni duubbeen isaanii dahataa (refugee) ykn koolu-gaafataa tahan gargaarsa dabalaa fi Eegala Oolmaa Daaímmanii (Early Start Kindergarten) dursa argatuu dandaú. Odeeffannoo dabalaa waaée Eegala Oolmaa Daaímmanii (Early Start Kindergarten) yeroo mucaa kee itti galmeessitu tajaajila naannoo kee jiru gaafatuu dandeessa ykn as ilaali Early Start Kindergarten.
Yoom akka galmeessitu
Victoria keessatti yeroo ijoolleen waggaa 3 guutan sagantaa kinder jalqabsiisuu dandeessa. Ijoolleen kee barmoota Bakka Oolmaa Ijoollee kan Waggaa-Sadii fi Waggaa-Afurii ykn Osoo gara mana barmootaatti hin dabrin (Pre-Prep) yoom akka seenuu qaban beekuuf Herrega Eegala Umrii (Starting Age Calculator) jedhu galchii ilaali.
Yoo mucaan kee Amajjii (January) 1 fi Eebla (April) 30 gidduu dhalate tahe yoo Bakka Oolmaa Ijoollee kan Waggaa-Sadii yoom akka eegalu filachuu dandeessa. Mucaan kee yeroo waggaa 3 tahu ykn waggaa 4 fa yeroo eegalu Bakka Oolmaa Ijoollee Waggaa-Sadii jalqabuu danda'a. Yoo mucaan kee Bakka Oolmaa Ijoollee kan Waggaa Sadii osoo umriin wagaa 3 keessa jiruu akka jalqabu filatte yeroo umriin isaa waggaa 5fa eegalu mana barmootaa seenuu danda'a. Yoo mucaan kee Bakka Oolmaa Ijoollee kan Waggaa Sadii osoo umriin wagaa 4 keessa jiruu akka jalqabu filatte yeroo umriin isaa waggaa 6 fa eegalu mana barmootaa seenuu danda'a.
Sagantaa kinder barbaaduu
Sagantaa bakka kinder kennamu ilaaluuf mar-sariitii sagantaa kinder jedhu ilaali. Gumiin (council) naannoo keetii fi tajaajilli oolmaa daaímmanii bakka oolmaa daaímmanii barbaaduu si gargaaruu dandaáu.
Kinder Tick barbaadi
Kinder Tick maatii Victoria sagantaa daa’immanii mirkanaa’e ijoollee isaaniif akka argatan gargaara.
Asxaa Kinder Tick tajaajila oolmaa daa’immanii naannoo keessan jiru, gamoo yookaan mooraa tajaajilaa yookaan giddugalichaa yookaan lafarra, marsariitii isaanii irra yookaan meeshaalee odeeffannoo isaanii keessa barbaadaa.

Updated