Yoo duubbeen kee dahataa (refugee) ykn koolu galaa (asylume seeker) taate Jalqabbii Oolmaa Daa'immanii Barii (ESK) seerri siif hayyama. ESKn torbanitti mucaa keessaniif sa’aatii sagantaa oolmaa daa’immanii bilisaa hanga guddaa ta’e akka argattan mirkaneessuuf gargaaruu danda’a.
Akkamitti akka iyyatan
ESKn sagantaalee oolmaa daa’immanii barsiisaa gahumsa qabuun kennaman hunda keessatti ni argama. Oolmaa daa’immanii naannoo keessan jiru qunnamuu fi gargaarsa Oolmaa Daa’immanii jalqabbii Ariifataa akka argatan gaafachuudhaan daa’ima keessan galmeessuu dandeessu. Afaan keetiin si gargaaruuf tajaajilli kinder tajaajila afaan hiikaa tola argatuu danda'u.
Gargaarsaaf Toora Gaaffii Oolmaa Ijoollee Waggaa-Sadii kan Damee Barmootaa 1800 338 663 irratti ykn gumii (council) naannoo kee jiru qunnamuu dandeessa. Gargaarsa afaan keetiin argatuuf Tajaajila Afaan Hiikkaa fi Jiijjiirraa Baiyyaalessaa (National Translating and Interpreting Service) 131 450 irratti bilbilii akka nama afaan siif hiiku siif argan fi gumii (council) naannoo kee jiru ykn Damee Barmootaa waliin wal si qunnamsiisan gaafadhuu, namni afaan siif hiikus si waliin bilbila irra tura.
Yoom akka iyyatan
Ijoolleen Eebla (April) 30 dura yoo umriin waggaa 3fa jalqaban tahe Bakka Oolmaa Ijoollee Waggaa-Saditti itti galmeessamuu fi ESK hordofuu danda'u. Yoo akka galmeessitu as ilaali.
Yoo mucaan kee Amajjii (January) 1 fi Eebla (April) 30 gidduu dhalate tahe yoo Bakka Oolmaa Ijoollee kan Waggaa-Sadii yoom akka eegalu filachuu dandeessa. Mucaan kee yeroo waggaa 3 tahu ykn waggaa 4 fa yeroo eegalu Bakka Oolmaa Ijoollee Waggaa-Sadii jalqabuu danda'a. Yoo mucaan kee Bakka Oolmaa Ijoollee kan Waggaa Sadii osoo umriin wagaa 3 keessa jiruu akka jalqabu filatte yeroo umriin isaa waggaa 5fa eegalu mana barmootaa seenuu danda'a. Yoo mucaan kee Bakka Oolmaa Ijoollee kan Waggaa Sadii osoo umriin wagaa 4 keessa jiruu akka jalqabu filatte yeroo umriin isaa waggaa 6 fa eegalu mana barmootaa seenuu danda'a.
Yoo daa’imni keessan yeroo ESK’f ulaagaa guutu herreguuf gargaarsa barbaadde, Kutaa Barnootaa, mana maree naannoo keetii, narsii fayyaa haadholii fi daa’immanii kee, yookaan daa’imman naannoo kee jiru, yokaan dhaabbilee armaan gadii naannoo kee jiran kamiyyuu qunnamuu dandeessa:
- Toora Iyyaafata Oolmaa Daa’immanii Waggaa-Sadii 1800 338 663
- Brotherhood of St Laurence 03 9483 1183
- Foundation House 03 9389 8900
- Fka Children’s Services 03 9428 4471
- VICSEG New Futures 03 9383 2533
Mucaan kiyya Bakka Oolmaa Ijoollee Waggaa-Afurii (Four-Year-Old Kindergarten) deemuu qabaa?
Eyyee, ijoolleen Eegala Jalqabii Duraa Bakka Oolmaa Ijoollee (Early Start Kindergarten) umriin isaanii hayyamuuf Bakka Oolmaa Ijoollee Wagaa Afurii gatii saphlaan seenuu danda'u. Bakki Oolmaa Ijoollee Waggaa Afurii deemsa keessa, bara 2025 irraa jalqabee Pre-Prep tahuuf jira. Bara 2026 keessa torbanitti hanga sa'aa 25 kan gahu kan Pre-Prep hordofuu danda'an ijoollota:
- seenduubee baqataa yookaan koolugalaa irraa kan ta’an
- akka Ganamaatti yookaan warra odola kana dursee qabate
- kan maatiin himata egumsa daa’imaa (child protection) qaban
Victoria keessa eessa illee haa jiraatanii ijoolleen kee waggaa sana dura ESK kan jedhutti galmeessamanii jiru yoo tahe torbanitti sa'aa dabalaa Pre-Prep kennamu argachuu danda'u. Waggaa sana dura maatiin sagantaa ESK jedhutti mucaa isaanii hin galmeessine yoo tahe illee Pre-Prep argachuu ni danda'u.
Updated