Mul'ata guddaa akka qabaniif, ijoolleen keenya jireenya isaanii keessatti jalqabbii gaarii isaan barbaachisa. Manni barumsaa daa’immanii imala barnootaa daa’imaa keessanii keessatti kutaa barbaachisaa dha. Umurii waggaa 3tti sagantaa mana barumsaa daa’immanii qulqullina qabu jalqabuun guddina daa’immaniif faayidaa qaba. Manni barumsaa daa’immanii bilisaa sagantaa mana barumsaa daa’immanii waggaa Sadii fi Afuri guutuu Victoria keessatti ni argama.
Waa’ee sagantaalee mana barumsaa daa’immanii Victoria’s caalaatti armaan gadiitti baradhu.
Kinder akkamiin akka dalagu (How kinder works) - Afaan Oromoo (Oromo)
Waa'ee fayidaa kinder, bakka kinder maaltu akka tahuu fi tajaajila akkamii Victoria keessatti bakka oolmaa daa'immaniitti akka kennamu bari.
Akkamii fi yoom galmeessamuu akka qabdu (How and when to enrol) - Afaan Oromoo (Oromo)
Odeeffannoo akka itti kinder galmeessituu fi akka itti sagantaa Mootummaan Victoria mirkaneesse barbaaddu.
Kinder tolaa (About Free Kinder) - Afaan Oromoo (Oromo)
Odeeffannoo waa'ee Kinder Tola maal akka tahe, seerrii eenyuuf akka hayyamuu fi akkamiin maallaqa akka argamu.
Jalqabbii Oolmaa Daa’immani Barii (Early Start Kindergarten) - Afaan Oromoo (Oromo)
Yoo seenduubeen keessan baqattootaa yookaan koolu galtootaa irraa tahe, sagantaan Oolmaa Daa’immanii jalqabbii Ariifataa (ESK) jedhamu ni jira.
Carraa Hojii Bakka Eegala Barmoota Ijoollummaa (Career Opportunities in Early Childhood Education) - Afaan Oromoo (Oromo)
Barsiisonni barii ijoollummaa fi barsiisonni aadaa fi afaaniin adda addaa irraa dhufan jireenya daa’immanii fi maatiiwwanii irratti jijjiirama fidu.
Qabiyyee Kinder (Kinder Kits) - Afaan Oromoo (Oromo)
Bara 2025 irraa eegalee daa’imni sagantaa mana barumsaa daa’immanii Waggaa Sadii maallaqaan gargaaramu keessatti galmaa’e hundi meeshaa guutuu mana barumsaa da’immanii argachuuf ulaagaa guutera.
Updated